top of page

Herrega Kutaa 8ffaa

Writer's picture: jemal nasirojemal nasiro

Updated: Dec 19, 2021

Diriiroo Ko'oordineetii

Gaaffilee Shaakalaa

Gaaffilee armaan gaditti kennaman haala gaaffichaa irratti hundaa'uun deebisi.

1. Garaagarummaan diriiroo ko'oordineetii fi sirna ko'oordineetii maali?

2. Tuqaaleen ko'oordineetii irra jiran akkamitti ibsamu?

3. Ko’oordineetiin handhuura ko’oordineetii maali?

4. Tuqaan kenname tokko siiqqee x irra yoo oole maal jedhama?

5. Tuqaan kenname tokko siiqqee y irra yoo oole maal jedhama?

6. Tartii cimdii jechuun maali? Akkamitti barreeffama?

7. Tuqaalee armaan gadii diriiroo ko’oordineetii irratti agarsiisi.

a) Tuqaa F(2,5)

b) Tuqaa G(4,-3)

c) Tuqaa H(-3,2)

d) Tuqaa Y(-4,-3)

e) Tuqaa X(0,0)

8. Ko'oordineetii diriiroo kennamee akkamitti dubbisuu dandeenya?

9. Qarxiin maali? Diriiroon ko'oordineetii tokko qarxii meeqa qaba? Isaanis tarreessi.

10. Tuqaalee armaan gadiitti kennaman iddoo argama qarxii isaanii ibsi.

a) A(-2,-5)

b) C(4,-3)

c) B(-3,2)

d) Y(4,3)

e) X(-9,9)

Deebii gaaffilee kanneeniif link 👉https://youtu.be/Xoa6yprbhMo tuqaa.

Deebii yaaluuf link 👉@J_MELonline tuqaa


63 views0 comments

Recent Posts

See All

Kutaa 8ffaa

Comments


Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page