Boqonnaa 1
Tuuta ( sets)
፠ Qabxiilee marii
✍ Tuutni maali?
✍ Fkn tuutaa kenni.
✍ Miseensa tuutaa jechuun maali?
✍ Moggaasni tuutaa fi miseensa tuutaa maali?
✍ Mallattoolee tuutaa, miseensa tuutaa fi miti miseensa tuutaa adda baasi.
♣ Tuutni walitti qabama ykn gurmsa'insa wantoota ibsamaniiti.wantooota sirritti ibsaman yoo jennu wantoota tuuta keessatti kennaman shakkii tokko malee ibsuu ykn murteessuu kan dandeenyuudha jechuudh.
Fkn ☞ Tuuta lakkoofsa lakkaawwii
☞ Tuuta barattoota daree keessaa
☞ Tuuta lakkoofsa hundaa
☞ Tuuta hoolota naannoo oromiyaa
☞ Tuuta qubee afaan oromoo
☞ Tuuta magaalota oromiyaa
♣{ }-> Mallattoo miseensonni tuutichaa keessatti hammachiifamani ykn barreefamniidha.
♣Miseensa tuutaa-tokkoon tokkoo wantoota tuuticha keessatti argamaniidha.
Fkn ☞ A={ a, b, c,d } keessatti a, b, c, d'n miseensota tuutaa jedhamu.
✔Maqaa tuutotaa qubee gurguddaan moggaafna.
Fkn ☞ a) Tuuta A=tuuta lakkoofsa lakkawwii
☞ b) Tuuta D= tuuta magaalota naannoo oromiyaa
☞ c) Tuuta G={a,d,c,d}
✔Miseensota tuutaa keessatti argaman qubee xixiqqaan moggaafna.
Fkn ☞ a) H= { s, d, f, h }
☞ b) B={ e, g, n, m,r }
☞ c) D= {5 ,2,4,3,1}
✔€-Mallattoo miseensaa tuutaa ->miseensota tuuta keessa jiran ittiin ibsuuf nu gargaara.
Fkn ☞ N={ a,b,c,d} qaba yoo ta'e a€N, b€N, c€N, d€N ti jennee ibsuu dandeenya.
yoo dubbifnu a€N->a'n miseensa tuuta N ti.
✔Mallattoo miti miseensa tuutaa->miseensota tuuta keessaa hin jirre ittiin ibsuuf gargaara.
Fkn ☞ N={ a,b,c,d} qaba yoo ta'e a€N, b€N, e€N, f€N ti jennee ibsuu dandeenya.
yoo dubbifnu e€N->e'n miti miseensa tuuta N.ti.P
Gilgaala
1) Tuutota armaan gaditti kennamaniif miseensota hunda tarreessi.
a) A={ a,b,c,2,4}
b) R=tuuta lakkoofsa lakkaawwiiwii 10 gadii
c) S=tuuta lakkoofsa mangoo 9 gadii
d) T=tuuta lakkoofsa.hundaa irra xiqqaa.10
2) Ibsamoota kennaman mallattoolee herregaan ibsi.
a) t'n miseensa tuuta G ti.____________
b) c'n miti miseensa tuuta H ti.___________
c) g'n miti miseensa tuuta M ti.____________
3) Mallattoo € ykn tti gargaaramuun bakka duwwaa irratti kan himicha dhugoomsu guuti.
a) b_____{a,d,b,c}
b) a_____{1,2,3,4}
c) 5_____ {1,2,3,- - -10}
d) 3_____ Tuuta lakkoofsa lakkaawwii
e) 9______ Tuuta lakkoofsa hundaa 11 olii
Comentarios