top of page

Kutaa 6ffaa Gaaffilee Shaakalaa Boqonnaa 1 fi 2

Writer's picture: jemal nasirojemal nasiro

Updated: Dec 14, 2021

Qajeelcha: Gaaffilee Armaan Gadii Haala Gaaffichaa Irratti Hundaauun Deebisi.

1. Tuutni maali?fkn tuutaa 2 kenni.

2. Miseensi tuutaa maali? Mallattoon isaa hoo?

3. Moggaasni maqaa tuutaa fi miseensa tuutaa maali?

4. Tuutni duwwaan maali? Fkn 2 kenni.

5. Tuutni dhaabbataan maali?Fkn 2 kenni.

6. Tuutni fufaan maali? Fkn 2 kenni.

7. Mallattoolee armaan gadiif maqaa moggaasa isaanii barreessi.

a) ∩ b) U c) d) e)

f) g) h) i) j) { }

8. Mallattoolee , fi tti gargaaramuun ibsama kenname dhugoomsi.

a) b_____{a,d,b,c} b) a_____{1,2,3,4}

c) 5_____ {1,2,3,- - -10} d) 3_____ Tuuta lakkoofsa lakkaawwii

e) 9______ Tuuta lakkoofsa hundaa 11 olii

9, Maalummaa tuuta wal-qixaa fkn waliin ibsi.

10. Maalummaa tuuta wal-gitaa fkn waliin ibsi.

Gaaffilee 11-14 tti jiran dhugaa ykn soba jechuun deebisi.

11. Lakkoofsi hundaa tokko 2f haftee malee kan hiramu yoo manni tokkee isaa guutuu ta'eedha.

12. Ida'amni dijiitota lakkoofsa kennamee yoo 3f hirame lakkoofsichi 6f haftee malee ni hirama.

13. Lakkoofsi manni tokkee isaa 0 fi 5 tahe haftee malee 10 ni hirama

14. Lakkoofsi hundaa tokko 6f hiramuuf 2 fi 3f haftee malee hiramuu qaba.

15. Lakkoofsota kennaman irratti hundaa'uun gaaffilee itti aanan deebisi.

a) 414 b) 4,998 c) 3,660 d) 5,211 e) 1,865 f) 119 g) 123 h) 2,112

i. 2f kan hiramu vi. 7f kan hiramu

ii. 3f kan hiramu vii. 8f kan hiramu

iii. 4f kan hiramu viii. 9f kan hiramu

iv. 5f kan hiramu ix. 10f kan hiramu

v. 6f kan hiramu

16. Maalummaa hirmaataa fi hiramaa fkn waliin ibsi.

17. Hirmaattota 16 hunda tarreessi.

18. Hirmaattota 27 hunda tarreessi.

19. Hiramoota 4 tarreessi.

20. Hiramoota 10 tarreessi.

21. Lakkoofsi kophxii maali? fkn isaanis kenni.

22. Lakkoofsi kompoozitii maali? fkn isaanis kenni.

23. Lakkoofsi hundaa kophxiis kompoozitii hin taane kami?

24. Lakkoofsota armaan gadii hirmaattota kophxiin diddiriirsi.

a) 36 b) 144 c) 90

25. Hirmaattota kophxiin HWG fi HWX barbaadi.

a. HWG(12, 16) barbaadi.

b. HWG(8, 12, 18) barbaadi.

c. HWG 2² x 3³ x 5 fi 2 x 3² x 11 barbaadi.

d. HWX(6,9) barbaadi.

e. HWX(10, 15, 20) barbaadi.

f. HWX 2³x3x7 fi 2²x3² barbaadi.

26. Tuuta kenname irratti hundaauun gaaffilee itti aanan deebisi.

A={a,b,c } B={b,c,d } C={c,d,e,f }

AUB= iii. AUC=

A∩B= iv. B∩C =

27. Tuuta kenname irratti hundaa'uun gaaffilee kennaman deebisi.

A={a, 5, c} yoo ta'e;

a) Baay'inni miseensa A meeqa?

b) Baay'inni cita tuuta A meeqa? Isaanis tarreessi.

c) Baay'inni cita xiqqaa tuutaa meeqa? Isaanis tarreessi.






475 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments


Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page