top of page

Herrega Kutaa 5

Writer's picture: jemal nasirojemal nasiro

Gaaffilee Shaakalaa Barnoota Herregaa Kutaa 5ffaa Boqonnaa 2 fi 3

Gaaffilee armaan gadii haala gaafatamteen deebisi.

1. Ibsamni aljebraan maali?fkn isaas kenni.

2. Jijjiiramaan maali? fakkeenya waliin ibsi.

3. Hin jijjiiramneen maali? fakkeenya waliin ibsi.

4. Maxxantuun maali? fakkeenya waliin ibsi.

5. Ibsama 5x + 3 keessatti jijjiiramaa, hin jijjiiramnee fi maxxantuu adda baasi.

6. Ibsamoota jechaa kennaman gara ibsama aljebaatti geeddari.

a) Umrii nama tokkoo kudhaniin kan caalu._________

b) Kan Tolaan argate irra shaniin xiqqaata._________

c) Abdii irra sia jaha ulfaata.__________

7. Gosoota tarmii fakkeenya isaanii waliin ibsi.

8. Maalummaa tarmoota wal-fakkaatanii fakkeenya waliin ibsi.

9. Maalummaa tarmoota wal-hin fakkaannee fakkeenya waliin ibsi.

10. Gatii jijjiiramaa kenname irratti hundaa'uun ibsamoota armaan gadii salphisi.

a) 7x-6, x=2 b) 4x -y + 14, x = 3, y = 3

c) 5x + 3y - 2z, x = 10, y = 4, z = 1 d) 10x - 5y-8, x = 4, y=0

e) x + y -2 ; x=10, y=5

11. Maalummaa hima wal-qixaa fakkeenya waliin ibsi.

12. Gatii jijjiiramaa kennameetiin kan hima wal-qixaa kenname dhugoomsu adda baasi.

a) x + 2=9; x={6, 7, 8} b) y - 3= 5; y={7, 8, 9}

c) 2x = 8; x={3, 4} d) 3x + 1=10; x={3,4,5}

e) 2y - 2=6; y={3, 4, 5}

13. Maalummaa hima wal-caalmaa fakkeenya waliin ibsi.

14. Gatii jijjiiramaa kennameetiin kan hima wal-caalmaa kenname dhugoomsu adda baasi.

a) x + 3> 5; x={6, 7, 8} b) y - 1 < 5; y={7, 8, 9}

c) 2x ≠ 8; x={3, 4} d) 3x + 1≥13 ; x={3,4,5}

e) 2y - 2≤ 6; y={3, 4, 5}

15. Firaakshiniin maali?

16. Firaakshiniin akkamitti barreeffama?

17. Fakkeenya firaakshinii kenni.

18. Waamamaa fi waamsisaa firaakshinii kennamee adda baasi.

a) b)

19. Gosoota firaakshinii tarreessi.

20. Maalummaa firaakshinii sirrii fakkeenya waliin ibsi.

21. Maalummaa firaakshinii sirrii hin taanee fakkeenya waliin ibsi.

22. Maalummaa firaakshinii makaa fakkeenya waliin ibsi.

23. Firaakshinii makaa kenname gara firaakshinii sirrii hin taaneetti geeddari.

a) 2 b) 3 c) 3

24. Firaakshinii sirrii hin taane gara firaakshinii makaatti geeddari.

a) b) c)

25. Firaakshinii kenname waliin madaali.(<,>,=)

a) ____ b) ___ c) ____

26. Firaakshinii kenname tartiibessi.

a) , , , , b) , , , ,

27. Firaakshinoota kennaman qoyyabi.

a) + =_____ b) + =_____ c) - =_____ d) - =_____

e) x =_____ f) x =_____ g) ÷ =_____ f) ÷ 5 =_____

28. Firaakshinii kennameef firaakshinoota gitaa barbaadi.

a) b)

29. Dhibbantaan maali? Mallattoo isaa waliin ibsi.

30. Fakkeenya dhibbantaa 3 kenni.

31. Dhibbantaa kenname gara firaakshiniitti geeddari.

a) 45% b) 80% c) 50% d) 75%

32. Dhibbantaa kenname gara deesiimaalitti geeddari.

a) 67% b) 90% c) 10% d) 7%

33. Firaakshinii kenname gara dhibbantaatti geeddari.

a) b) c) d)

34. Deesiimaalii kenname gara dhibbantaatti geeddari.

a) 0.6 b) 0.75 c) 1.5 d) 0.06


344 views1 comment

Recent Posts

See All

Deesiimaalii

Deesiimaaliin firaakshinii waamsisaan isaa kudhan(10) ta’eedha Fkn 0.1, 0.2, 0.3, 0.4, __,__,__ 3.5.1 Deesiimaalota kurnaffaa,...

1.1.2 Lakkoofsota Hundaa 1,000,000 Olii

Seensa qabiyyee kanaa: Qabiyyee kana keessatti waa’ee lakkoofsa hundaa 1,000,000 olitti jiranii gatii bakkaan kaa’uu, dubbisuu fi...

1 Comment


senamust85
Oct 07, 2023

I need Full text book

Like
Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page