top of page

1.1.2 Lakkoofsota Hundaa 1,000,000 Olii

Writer's picture: jemal nasirojemal nasiro

Seensa qabiyyee kanaa:

Qabiyyee kana keessatti waa’ee lakkoofsa hundaa 1,000,000 olitti jiranii gatii bakkaan kaa’uu, dubbisuu fi barreessuu, lakkoofsota jechaan kennaman lakkoofsaan barreessuu, lakkoofsota waliin madaaluu fi tartiibbessuu ni baratta.

Xumura qabiyyee kanaa :

  • Adeemsa lakkoofsota hundaa 1,000,000 olii gatii bakkaan kaa’uu addaan ni baafatta.

  • Lakkoofsota hundaa 1,000,000 olii jechaan ni barreessita.

  • Lakkoofsota hundaa 1,000,000 olii waliin ni madaalta.

  • Lakkoofsota hundaa 1,000,000 olii ni tartiibessita.

1ffaa Lakkoofsa Hundaa Gatii Bakkaan/Mana Lakkoofsaan Kaa’uu

Gatiin iddoo tokkoon tokkoon dijiitii lakkoofsa bifa istaandardiitiin barreeffame keessatti qabu gatii bakkaa/mana lakkoofsaa jedhama.

Lakkoofsa gatii bakkaan yeroo keenyu mirgaa gara bitaatti deemna.

fkn i) Mee lakkoofsa 12,345,697 gatii bakkaan haa ibsinuu.

1 Mana Miiliyoona kudhanii

2 Mana Miiliyoona tokkoo

3 Mana kuma dhibbaa

4 Mana kuma kudhanii

5 Mana kumaa

6 Mana dhibbaa

9 Mana kudhanii

7 Mana tokkee

Jechaan = Miiliyoona kudha lamaa fi kuma dhibba sadii fi kuma afurtamii shanii fi dhibba jahaa fi sagaltamii torba.

Gaaffilee Shaakalaa

Lakkoofsota armaan gaditi jala sararamaniif ykn gurraacha'aniif gatii bakkaa isaaniinii fuuldura lakkoofsichaatti barreessi.

  1. 1,040,453= Mana kuma kudhanii

  2. 13,504,709=

  3. 629,584,123=

  4. 8,285,154,401=

  5. 7,978,339=

2ffaa Lakkoofsota Hundaa Jechaan Barreessuu

Lakkoofsota jechaan barreessuu keessatti gatii lakkoofsonni gatii bakkaa isaanii keessatti qaban sirritti adda baasuudha. Lakkoofsota kennaman yeroo jechaan barreessinu qub-guddeessaan eegalla.

fkn a) 1,000,000= Miiliyoona tokko.

b) 5,000,900= Miiliyoona shanii fi dhibba sagal.

c) 13,504,709= Miiliyoona kudha sadii fi kuma dhibba shanii fi kuma afurii fi dhibba torbaa fi sagal.

d) 72,900,990= Miiliyoona torbaatamii lamaa fi kuma dhibba sagalii fi dhibba sagalii fi sagaltama.

e) 999,999,999=Miiliyoona dhibba sagalii fi miiliyoona sagaltamii sagalii fi kuma dhibba sagalii fi kuma sagaltamii sagalii fi dhibba sagalii fi sagaltamii sagal.

Gaaffilee Shaakalaa

Lakkoofsota armaan gaditti siif kennaman jechaan iddoo siif kenname irratti barreessi.

  1. 1,000,001 =____________________

  2. 4,532,900 = ____________________

  3. 19,812,003 = ____________________

  4. 1,100,100= ____________________

  5. 1,000,230,564 = __________________

3ffaa Lakkoofsota Hundaa Himaan Kennaman Lakkoofsaan Barreessuu.

Lakkoofsota himaan kennaman gabaabsinee lakkoofsaan barreessuun dursa gatii lakkoofsonni bakka isaanii keessatti qaban sirritti adda baasuudha.

fkn a) Miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba saddeetii fi dhibba torba. 1,800,700

b) Miiliyoona tokkoo fi kuma kudha shanii fi dhibba afurii fi lama.=1,500,402

c) Miiliyoona soddomaa fi kuma dhibba jahaa fi kuma digdamii lamaa fi kudha sagal.=30,622,900

d) Biiliyoona tokkoo fi miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona saddeettamii saddeet.= 1,188,000,000

e) Biiliyoona tokkoo fi miiliyoona dhibba lamaa fi miiliyoona torbaatamii sadii fi kuma dhibba shanii fi kuma kudha tokkoo fi dhibba torbaa fi afurtamii jaha.1,273,511,746

Gaaffilee Shaakalaa

Lakkoofsota armaan gaditti bifa himaan siif kenname lakkoofsaan iddoo kenname irratti guuti.

  1. Miiliyoona sadii fi dhibba afurii fi shan. __________

  2. Miiliyoona dhibba tokkoo fi kuma dhibba shanii fi kudha sagal.___________

  3. Miiliyoona shantamii saddeetii fi kuma dhibba lamaa fi kuma kudha sadii fi tokko.________

  4. Miiliyoona kudha torbaa fi kuma digdamii jahaa fi dhibba tokkoo fi kudha lama.__________

  5. Biiliyoona saddeetii fi miiliyoona dhibba sadii fi kuma dhibba lamaa fi dhibba shanii fi jahaatamii sadi. ___________

4ffaa Lakkoofsota Hundaa Waliin Madaaluu

Waliin madaaluun hamma/gatii lakkoofsota garagaraa lamaa fi isaa olii wal-bira qabuun gatii isaanitiin mallattoolee irra guddaa(>), irra xiqqaa(<), fi wal-qixa(=)tti gargaaramuun kaa,uudha.

Lakkoofsota waliin madaaluuf mallattoolee hariiroo lakkoofsotaa (>, <, =)tti gargaaramuun wal bira qabuun ibsina.

fkn a) 2,345,257 > 2,325,257

b) 4,897,563 < 4,897,789

c) 12,564,234 > 10,675,912

d) 21,342,987 = 21,342,987

Gaaffilee Shaakalaa

Lakkoofsota armaan gaditti siif kennaman mallattoolee hariiroo lakkoofsotaa (>, <, =)tti gargaaramuun waliin maadaaluun mallattoo himicha dhugoomsu bakka duwwaa irratti guuti.

  1. 3,654,565______ 3,786,635

  2. 8,563,978______7,546,453

  3. 34,001,987______34,002,000

  4. 9,898,989_______9,898,989

  5. 10,000,000______9,999,999

5ffaa Lakkoofsota Hundaa Tartiibessuu

Tartiibbessuun lakkoofsota hundaa kennaman xiqqaa gara guddaatti ykn guddaa gara xiqqaatti haala wal-duraa duuba isaanitiin kaa’uudha.

fkn a) 1,000,800; 1,008,000; 1,000,080

Xiqqaa gara guddaa-> 1,000,080; 1,000,800; 1,008,000

Guddaa gara xiqqaa-> 1,008,000; 1,000,800; 1,000,080;

b) 1,506,230; 1,509,230; 1,507,230

Xiqqaa gara guddaa-> 1,506,230; 1,507,230; 1,509,230

Guddaa gara xiqqaa-> 1,509,230; 1,507,230; 1,506,230

c) 24,000,897; 39,638,653; 39,638,356

Xiqqaa gara guddaa-> 24,000,897; 39,638,356; 39,638,653

Guddaa gara xiqqaa-> 39,638,653; 39,638,356; 24,000,897

Gaaffilee Shaakalaa

Lakkoofsota armaan gadii iddoo siif kaeename irratti tartiibessi.

a) 1,345,654; 1,345,980; 1,345.346

Xiqqaa gara guddaa-> __________ _________________________

Guddaa gara xiqqaa->__________ __________________________

b) 45,879,345; 45,575,894; 45,982,561

Xiqqaa gara guddaa->__________ ____________________________

Guddaa gara xiqqaa->___________ ____________________________

c) 389,453,005; 389,564,978; 387,654,637; 387,567,348

Xiqqaa gara guddaa->_________

______________________________

Guddaa gara xiqqaa->__________

______________________________


708 views0 comments

Recent Posts

See All

Deesiimaalii

Deesiimaaliin firaakshinii waamsisaan isaa kudhan(10) ta’eedha Fkn 0.1, 0.2, 0.3, 0.4, __,__,__ 3.5.1 Deesiimaalota kurnaffaa,...

Commentaires


Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page