top of page
Writer's picturejemal nasiro

Hiruu Lakkoofsota Hundaa.

✳ Hiruun adeemsa irra deddeebi’anii hir’isuun argama.

fkn a) 15 ÷ 5=_____ b) 28 ÷ 7=_____

15- 5=10 28 - 7=21

10- 5=5 21 - 7=14

5- 5=0 14 - 7=7

7 - 7=0

si’a 3 hir’isne si’a 4 hir’isne

15 ÷ 5=3 ta’a 28 ÷ 7=4 ta’a.

💠 Lakkoofsa hundaa kamiiyyuu zeeroof hiruun hin danda’amu. Firiin isaa hiika hin qabu/hiika dhabeessa ta’a.

fkn a) 8 ÷ 0 =hiika dhabeessa

b) 19 ÷ 0=hiika dhabeessa

c) 10 ÷ 0=hiika dhabeessa

💠 Zeeroo lakkoofsa hundaa kamiifuu yoo hirru firiin isaa zeerooma ta’a.

fkn a) 0 ÷ 7 =0

b) 0 ÷ 12= 0

c) 0 ÷ 23=0

💠 Lakkoofsa hundaa kamiiyyuu tokkoof yoo hirru firiin isaa lakkoofsichuma mataa isaa sana ta’a.

fkn a) 9 ÷ 1 = 9

b) 20 ÷ 1=20

c) 14 ÷ 1=14

d) 0 ÷ 1 = 0

💠 Lakkoofsa hundaa kamiiyyuu kan zeeroo hin taane mataa isaaf yoo hirru firiin isaa tokko ta’a.

fkn a) 9 ÷ 9 = 1

b) 25 ÷ 25=1

c) 14 ÷ 14=1

d) 10 ÷ 10 =1

💠 Lakkoofsa hundaa kan manni tokkee isaa zeeroo ta’e yoo 10’f hirru lakkoofsa mana tokkee irraa waliin balleessuun lakkoofsicha hafe akka jirutti barreessina.

fkn a) 90 ÷ 10= 9

b) 20 ÷ 10= 2

c) 40 ÷ 10= 4

d) 100 ÷ 10=10

Gaaffilee Shaakalaa

Lakkoofsota armaan gadii waliif hiruun deebii kee iddoo kennametti guuti.

  1. 36 ÷ 6=______

  2. 25 ÷ 0=______

  3. 0 ÷ 12=______

  4. 16 ÷16=______

  5. 17 ÷ 1=_______

  6. 80÷10=_______

84 views0 comments

Recent Posts

See All

Herrega Kutaa 3

Boqonnaa 1 Lakkoofsota Hundaa Hamma 10,000tti Jiran 1.1 Lakkoofsota hundaa hamma 10,000tti jiran gatii bakkaan kaa'uu Qabxiilee marii *...

Herrega Kutaa 2

Boqonnaa 1 Lakkoofsota Hundaa Hamma 1,000tti Jiran 1.1 Lakkoofsota hundaa hamma 1,000tti jiran gatii bakkaan kaa'uu Qabxiilee marii *...

Comments


Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page