*Bu'aan daldala tokko keessatti gatiin gurgurtaa(g.g) gatii bittaa (g.b) yoo caaleedha.
Bu'aa= g.g - g.b
%Bu'aa = (g.g - g.b)/(g.b) x 100%
%Bu'aa = (Bu'aa)/(g.b) x 100%
Bu'aa= (%Bu'aa x g.b)/100%
g.g =g.b + (%Bu'aa x g.b)/100%
Fkn 1. Tolaan Lukkuu tokkoo Qr.350'n bitee deebisee Qr.420tti yoo gurgurate,
a. Bu'aa Qr.meeqa buufate?
b. Dhibbantaa meeqaa bu'aa argate?
Deebii 1a.
Ken. Barb. Fur.
g.b=350 Bu'aa? Bu'aa= g.g - g.b
g.g=420 =420-350=70
Bu'aa Qr.70 argate.
Deebii 1b.
Ken. Barb.
g.b=350 Bu'aa?
g.g=420
Furmaata.
%Bu'aa = (g.g - g.b)/(g.b) x 100%
%Bu'aa = (420 - 350)/(350) x 100%
=(70)/(350) x 100%
=(70x100%)/(350)
=(7000%)/350=20%
Bu'aan isaa dhibbantaan 20% ta'a.
2. Qaadiin raadiyoo qr.180n bituun 25% bu'aa buufachuun yoo gurgurate.
a. Bu'aa Qr.meeqa buufate?
b. Raadiyoo kana qr.meeqatti gurgurate?
Deebii 2a.
Kennama Barb.
g.b=180 Bu'aa?
%Bu'aa=25%
Furmaata.
Bu'aa= (%Bu'aa x g.b)/100%
=(25% x 180)/100%
=(4500%)/100%= 45
Bu'aa Qr.45 argate.
Deebii 2b.
Kennama Barb.
g.b=180 g.g?
%Bu'aa=25%
Furmaata.
g.g =g.b + (%Bu'aa x g.b)/100%
g.g =180 + (25% x 180)/100%
g.g =180 + (4500%)/100%
g.g=180 + 4500/100
g.g=180 + 45
g.g=225
Raadiyoo kana qr.225tti gurgurate.
Comments