Walakkaan waan guutuu tokko bakka wal-qıxa lamatti qooduun gahee argamuudha.
Walakkaa firaakshinin yoo barreessinu ½ ta'a.
Walakkaa fi walakkaan guutuu tokko ta'a.
Walakkaa+ walakkaa = guutuu ta a.
Guutuu tokko irraa wal akkaa yoo hir isne walakkatu hafa.
Guutuu -walakkaa = walakkaa ta'a.
Walakkaa lakkoofsa kennamee argachuuf lakkoofsa kenname sana 2'f hirra.
Fkn a. walakkaa 6 barbaadi?
walakkaa 6 argachuuf 6÷2=3 ta'a.
Kanaaf 3 walakkaa 6ti jechuudha.
b. Walakkaa 8 barbaadi?
Walakkaa 8=8÷2 = 4
kanaaf 4 walakkaa 8ti
C. Walakkaa 10 barbaadi?
d) Walakkaa 4 barbaadi?
e) Walakkaa 2 barbaadi?
f) Walakkaa ½ barbaadi?
Hub. Walakkaan tokkoo ½ ta'a.
Gaafilee shaakalaa
Gaaffilee armaan gaditti kennaman haala gaafatamten deebii g
uuti
a. Walakkaa jechuun maali?
b) Walakkaa danaan akkam itti kaasuu/ ij aaruu dandeenya?
c)walakkaa firaakshiniin yoo barreessinu akkamitti barreessuu dandeenya?
d) Walakkaa irratti walakkaa yoo idaane deebiun isaa maal ta'a?
e) Guutuu irraa yoo walakkaa hir'isne kan hafu maal ta'a?
f. Walakkaa lakkoofsa isinuif kennamee akkamitti argachuu dandeessu?
Comments