top of page

Keemistirii Kutaa 7ffaa

Qabxiilee Ijoo Barnoota Keemistirii Kutaa 7ffaa Boqonnaa 1 fi 2

  • Wanti qabiyyee keemikaalaa dhabbataa kan qabuu fi amala beekamaa kan qabuu dha.

  • Amaloonni fizikaalaa amaloota qabiyyee wantoota utuu hin jijjiirin caqafamuu ykn safaramuu dandaa'nii dha.

  • Wanti tokko haala murtaa'aa teempireecharaa fi dhiibbaa qilleensaa tokko keessatti akkaataan itti argamu faalkaa jedhama.

  • Wantoonni dhangala'oon bakka murtaawaa ni qabatu. Haa ta'u malee, boca mataa isaanii hin qaban. Boca qodaa keessa jiranii qabaatu.

  • Gaasonni bakka murtaawaa hin qabatan, boca mataa isaaniis hin qaban. Gaasonni ni yaa'u. Fakkeenyaaf: haayidroojiinii, oksijiinii, kiloorinii, naayitiroojiinii fikkf gaasota.

  • Halluun kan argamu sababa walqunnamtii wantootaa fi ifa giduutti umamuuni.

  • Fooliin wantoota fuunfachuun addaan baasnee akka beeknuuf nu gargaara Qaamolee miiraa keessaa foolii addaan baasuuf kan nu gargaaru funyaani.

  • Dhandhamni amaloota fizikalaa wantootaa keessa isa tokkoo dha. Qaama keenya keessa kan wantoota dhandhamuuf nu gargaaru arraba.

  • Qabxiin teempireecharaa kan jajjjaboon baqee gara dhangala'ootti itti jijjiiramu qabxii baqinaa jedama.

  • Teempireecharrii jajjaboon tokko gara dhangala 'ootti ittiin jijjiiramu meeshaa teermoomeetirii jedhamuun safarama.

  • Adeemsi wanti jajjaboon tokko yommuu hoo'ifamu kallatiin gara gaasiitti jijjiiramu sablimeeshinii jedhama.

  • Qabxiin danfinaa teempireechara dhangala 'oon yommuu hoo'ifaman gara faalkaa hurkaatti yookiin gaasiitti itti jijjiiramanii dha.

  • Sibiilonni kanneen akka koopparii, silvarii, ayirani fi aluminiyeemii dabarsoo elekitiriitkii fi ho aati. Dandeettiin dabarsuu elektiriikii fi ho'aa amala fizikaalaa wantootaati.

  • Amaloonni keemikaalaa amaloota wantoonni yommuu jijjiramoota keemikaalaa adeemsisan agarsiisanii dha

  • Wanta tokko irratti jijjiiramni geggeffamee, wantichi gara wanta haara birootti yoo jijjiiramuu baate jijjiiramni adeemsifame kun jijjiirama fizikaalaa jedhama.

  • Jijjiiramoonni fiizikaalaa kanneen akka caccabsuu, baqaqsuu, daakuu, kukkutuu jijjiiramoota bocootaa fi hamma wantootaa fidu.Jijjiiramoonni kunniin jijjiiramoota makaanikaalii jedhamu.

  • Wanti tokko jijjiiramee you wanta biroo haaraa uume, jijiiraminni kun jijjjiirama keemikaalaa jedhama.

  • Wantoota jijjiiramoota keemikaalaa calqabsiisuuf yookiin kan duraan eegalan saffisiisuuf gargaan keessaa beekamoon: annisaa hoo aa, annisaa elektiriikii, annisaa ifaa, bishaan keessatti bulbuluu fi si'eessituu dha.

  • Wantoonni amaloota isaanii irratti hundaa'uun bakka gurguddaa lamatti ramadamu. Isaanis; wantoota qulqulluu fi makoota.

  • Elementoonni wantoota sasalphoo amalaa fiizikaala fi keemikaalaa mataa isaanii qabanii fi kan walnyaatinsa keemikaalaa salphaan hin caccabnee dha.

  • Elementoonni amaloota isaanii irratti hundaa uun bakka sadiitti ramadamu. Isaanis. sibiilota, sibiilaloota fi,gariin-sibiilota

  • Meerkurii irraa kan hafe sibiilonni elementoota tempireechara dareetti faalkaa jajjabootiin argamanii dha.

  • Sibilaloonni elementoota sibiilota irraa amala addaa gabanii dha, Sibilaloonni faalkaalee sadanuu keessatti argamuu ni danda'u.

  • Gariin sibiilonni elementoota amala sibiilummaa fi sibilalummaa agarsiisanii dha Fakkeenyaaf, booroonii, silikoonii. jermaaniyeemii, arsanikii, antimoonil, teluuriyeemii fi polooniyeemiin gariin sibiilota.

  • Oksaayidoonni kompaawundoota elementii oksjiinii fi elementi biroo gosa tokko qofa of keessaa qabanii dha.

  • Oksaayidoonni sibiilalawoon bishaan wajjin yoo walnyaatan koompaawundota asiidii jedhaman uumu.

  • Beezonni koompaawundoota yommuu oksaayidoonni sibilawoon bishaan wajjin walnyaatan uumamanii dha.

  • Ashabooleen kompaawundoota walnyaatinsa asiidií fi beezii gídduutti ta'uun uumamanii dha

  • Wantoonni akaakuu lamaa yookiin lamaa ol ta'an adeemsa flizikaalaatiin yoo walitti makaman makaa jedhamu.

  • Makaan tokko ruqooleen isaa akka laayyotti ijaan yookiin maayikirkoscopii salphaan gargar ba'anin yoo beekamuu ni danda'u ta'e makichi makaa gosaddee jedhama.

  • Ruuqooleen makaa tokkoo akka laayyotti ijaan yookiin maayikrooskoopii salphaan gargar ba'anii yoo hin beekaman ta'e makichi makaa gostokkee jedhama.

  • Malli dhinbiibuu dhangala'oo fi jajjaboo hin bubulamne gargar dhiluuf gargaara.

  • Makaan tokko dhangal'aa fi jajjaboo dhangala'icha rukkinaan caaluu yoo qabaate mala calaluun gargar dhilamuu ni danda'aa.

  • Hurkisiisuun adeemsa wanta faalkaa dhangala'aatiin argamu tokko gargaarsa hoo'aatiin gara faalkaa gassiitti jijjiiruu ti.

  • Malli hurkisiisuu wanta jajjaboo dhangala'aa keessatti bulbulame dhangala icha irraa gargar dhiluuf gargaara.

  • Dhangala oon lama yookiin lamaa ol ta'an kanneen qabxii danfinaa adda adda qaban yoo walitti makaman, makaa kana tooftaa garaagarummaa qabxii danfinaatti fayyadamuun gargar dhiluun ni dandaa ama. Malli kun mala distileeshinii salphaa jedhama.

  • Makaan tokko wantoota lama qabaatee wanti inni tokko amala fiziikaalaa magneeta'uu yoo qabaatee fi inni tokko immo amala kan hin qabu yoo ta'e ruqoolee kana maagneetiitti fayyadamuun gargar baasuun ni dandaa ama.

  • Gingilchuun wantoota jajjaboo hanga xiqqaa qaban kanneen hanga guddaa qaban irraa gargar baasuuf fayyada


670 views0 comments

Comments


Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page