top of page

Herrega Kutaa 7ffaa

Writer's picture: jemal nasirojemal nasiro

Gaaffilee Barnoota Herregaa Kutaa 7ffaa Boqonnaa 3 fi 4

Gaaffilee Armaan Gadii Haala Gaafatamteen Deebisi.

1.Obbo Obsaan qamadii kuntaala torbaa qarshii 20,000 bitanii, qarshii 25,000tti yoo gurguratan. Buaan fi dhibbantaan buaa isaanii meeqa?

2. Obbo Tolaan Qotiyyoo tokko qarshii 10,000n bitan.Sababa Qotiyyoon kun qotuu diddeef qarshii 8,000 tti yoo gurguran. Kasaaraa fi dhibbantaan kasaaraa isaanii meeqa?

3. Obbo Abdiin hoolaa tokkoo qr. 800n bituun deebisee 20% buaa irratti argachuun yoo gurgurate; hoolaa kana qr. Meeqatti gurgurate?

4. Daldalaan tokko Raadiyoo tokko 25% kasaaruun qr. 600tti yoo gurguru; Gatiin bittaa raadiyoo kanaa meeqa ture?

5. Aadde Yeshiin qarshii 3,000 reettii dhalaa 8% waggaa tokkotti kaffaluuf baankii irraa yoo liqeeffatte, dhuma waggaa 5tti dhala hammami kaffalti?

6. Obbo Roobaan qarshii 9,000 reettii dhalaa 20% waggaatti kaffaluuf baankiitii yoo liqeeffatan:

a. Waggaa 4tti dhalli isaan kaffalan hangami?

b. Kuufamni waggaa 4tti kaffalan meeqa?

7. Qarshii meeqatu, reetii 25%n waggaa afuritti dhala qarshii 20,000 taa?

8. Dureessan Baayisaa irraa qarshii 40,000 dhala baaqqee kaffaluuf liqeeffatee.Kuufama qarshii 50,000 yoo waggaa 2 booda deebiseef reetiin dhala kanaa dhibbantaan hagam ture?

9. Reetii dhala baaqqee 15%n, dhala qarshii 29,100 waggaa afur keessatti baankii irraa argachuuf, qarshii meeqa kaawwachuu qabna?

10. Addee Siddiseen qarshii 270,000 dhala baaqqeen baankii kaaatanii, waggaa 6 booda kuusaa qarshii 432,000 fudhatan. Reetiin dhala kanaa dhibbantaan meeqa ture?

11. Baayina barattoota m/b Akkaadaamii Hawwii 800 keessaa 60% dubartoota yoo taan, baayinni barattoota dhiiraa lakkoofsaan meeqa?

12. Dhibbantaa meeqaa 200tu qarshii 300 taa?

13. ___________gatii reeshowwan garagaraa lama bifa hiruutiin waliin madaaluudha.

14. ___________gatii wantoota garagaraa lama bifa hiruutiin waliin madaaluudha.

15. Reeshoon 24 gara 36ttii meeqa taa?

16. Qarshii 20 namoota lamaaf reeshoo 2: 3tiin osoo qoodameefi tokkoon tokkoo namoota kanaa qarshii meeqa meeqa gaha?


17. Baayinni barattoota kutaa 7ffaa 100 turan. Isaan keessaa 40 dhiirota yoo taan,

i) reeshoon barattoota dhiiraa gara dubaraattii meeqa?

ii) reeshoon barattoota dubaraa gara dhiiraattii meeqa?

iii) reeshoon barattoota dubaraa gara walii galaattii meeqa?

18. (2, 3, 4, 6) piroppoorshiniidhaa?

19. Piroopporshinoota armaan gadiif gatii jijjiiramaa barbaadi?

i) 3, 4, 12, x ii) x, 3, 6, 9

iii) 9, 25, x, 75 iv) 2, x, 4, 6

20. 25% kan qarshii 400 qarshii meeqa taa?

21. Garaagarummaa daataa, daataa funaanuu fi daataa qindeessuu ibsi.

22. Garaagarummaa taalii fi giraafii fakkiilee gidduu jiru ibsi.

23. Faayidaa giraafii sararaa fi chaartii paayii lama lama barreessi.

24. Giraafii sararaa ijaaruuf wantootaijoo/ulaagaa barbaachisan barreessi.

25. Chaartii paayii ijaaruuf wantoota ijoo/ulaagaa barbaachisan barreessi.

26. Daataa kenname irratti hundaauun gaaffilee itti aanan deebisi.

Baayina Barattoota M/B Raabaa Kutaa 1ffaa 4ffaa

Kutaa

1ffaa

2ffaa

3ffaa

4ffaa


B/Barataa

20

18

12

10


Giraafii sararaan agarsiisi.

Chaartii paayiin agarsiisi.

27. Foormula tokkoon tokkoo ibsamoota armaan gadii barreessi.

Buaa fi % buaa

Kasaaraa fi % kasaaraa

Dhala baaqqee

Haadhoo

Reettii Kuufamaa

Yeroo



562 views0 comments

Recent Posts

See All

Saayinsii Waliigalaa Kutaa 7ffaa

BOQONNAA 2 MAATARII NAANNOO KEENYAA 2.2 Amaloota fiizikaalaa fi keemikaala maatarii Amaloota fiizikaala maatarii jechuun maali? Amaloota...

Herrega Kutaa 7ffaa

BOQONNAA 2 INTIIJAROOTA 2.1 Keessa deebii Lakkoofsota lakkaawwii fi hundaa 2.2 Seensa Intiijarootaa Ibsa gahaa mata dureewwan lamaan kana...

Kutaa 7ffaa

BOQONNAA 1 TUUTA 1.1 Maalummaa tuutaa https://jemalnasiro.wixsite.com/mysite/post/herrega-kutaa-7ffaa-3

コメント


Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page