top of page

Keemistrii Kutaa 7

Writer's picture: jemal nasirojemal nasiro

Updated: Feb 24, 2022

Gaaffilee Shaakalaa Keemistrii Kutaa 7ffaa Boqonnaa 1 fi 2Qajeelcha I: Gaaffilee armaan gadii haala gaafatamteen deebisi.

1. Keemistiriin maali? waa'ee maalii qorata?

2. Barbaachisummaa/faayidaa keemistirii 3 barreessi.

3. Hariiroo keemistiriin damee barnoota saayinsii uumamaa biroo waliin qabu fkn waliin ibsi.

4. Faayidaan industirii keemikaalaa maali?

5. Faayidaa keemistiriin hawaasaa fi industirii keemikaalaa keessatti qabu fkn waliin ibsi.

6. Industirii keemikaalaa itiyoophiyaa keessa jiran shan faayidaa isaanii waliin barreessi.

7. Wantoonni bakka meeqatti qoodamu? Isaanis tarreessi.

8. Wantoonni qulqulluun bakka meeqatti qoodamu? Isaanis tarreessi

9. Amaloota wantootaa keessaa kan gargaarsa qaamolee miiratiin adda bahuu danda'u isa kami?

10. Amaloota wantootaa keessaa kan gargaarsa qaamolee miiratiin adda bahuu danda'u isa kami?

11. Amaloota wantootaa keessaa kanneen amala fiizikaalaa fi keemikaalaa agarsiisan tarreessi.

12. Amaloota fiizikaalaa hamma dhaabbataa qaban keessaa 4 tarreessi.

13. Hangi wanta tokkoo 30kg fi qabeen isaa 5cm³ yoo ta'e rukkinni wantichaa meeqa?

14. Hangi sibiila tokkoo 10g fi rukkinni isaa 2g/cm³ yoo ta'e qabeen isaa meeqa?

15. Qabeen wanta tokkoo 9cm³ fi rukkinni isaa 3g/cm³ yoo ta'e, hangi wantichaa meeqa?

16. Garaagarummaa jijjiirama fiizikaalaa fi keemikaalaa ibsi.

17. Amaloota jijjiirama fiizikaalaa fi keemikaalaa sadi sadi barreessi.

18. Fakkeenya jijjiirama fiizikaalaa fi keemikaalaa afur afur tarreessi.

19. Garaagarummaa elemantootaa fi kompaawundoota ibsi.

20. Elemantoonni amaloota irratti hundaa'uun bakka meeqatti qoodamu? isaanis tarreessi.

21. Amaloota sibiilotaa sadi tarreessi.

22. Amaloota sibilaalotaa sadi tarreessi.

23. Fakkeenya sibiilotaa, sibilaalotaa fi gariin sibiilotaa sadi sadi kenni.

24. Fakkeenya kompaawundii 5 kenni.

25. Kompaawundiin akkaakuu elemantoota of keessaa qaban irratti hundaa'uun bakka meeqatti qoodamu? isaanis tarreessi.

26. Oksaayidiin maali? Fkn oksaayidootaa kenni.

27. Asiidiin maali? Fkn asiidotaa kenni.

28. Wantoota naannoo keetii keessaa kanneen asiidii of keessaa qaban himi.

29. Beeziin maali? Fkn beezotaa kenni.

30. Ashabooleen maali? Fkn ashaboolee kenni.

31. Maalummaa makootaa fi gosoota makootaa tarreessi.

32. Maalummaa makaa gos-tokkee fkn waliin ibsi.

33. Maalummaa makaa gos-addee fkn waliin ibsi.

34. Maloota makoota ruqoolee isaanitti ittiin adda dhiilan/baasan tarreessi.

35. Tokkoon tokkoo maloota makoota ruqoolee isaanitti ittiin adda dhiilan kanaaf fkn kenni.

Qajeelcha II: Himoota armaan gaditti kennaman yoo sirrii ta'an "Dhugaa" yoo sirrii ta'uu baatan immoo "soba" jechuun deebisi.

____36. Dhangaggaa'uun farsoo jijjiirama fiizikaalaa ti.

____37. Jijjirrama keemikaalaa keessatti wanti haraan ni uumama.

____38. Bishaan faalkaalee sadeen wantootaa keessatti argamuu ni danda'a.

____39 Bishaan keessatti bulbulamuun suukkaraa jijjiirama keemikaalaati.

____40. Jijjiiramni keemikaalaa jijjiirama annisaa (hoo'aa) ni fida.

____41. Gaasonni bakka murtaawaa ni qabatu. Haata'u malee boca mataa isaanii hin qaban.

____42. Wantoonni jajjaboon boca mataa isaanii ni qabu.

____43. Jechoonni kanneen akka dimaa,kelloo,cuquliisaa fi magariisni dhandhama wantota ibsu.

____44. Tempireecharri jajjaboon tokko itti baquu fi dhangalaaan wantichaa itti itituu walqixa.

____45. Bishaan qixa diriira galaanaatti digirii seentigireedii zeerootti (0°C) danfa.

____46. Wantoonni hanga walqixa qaban rukkinni isaanii walqixa ta'uu dhísuu ni danda'a.

____47. Gubiinsi amala keemikaalaa wantootaa ti.

____48. Haalli jajjaboon tokko hoo'ifamee osoo gara dhangala'ootti hin jijjiramin

kallattiin gara gaasitti jijjiramu tasuma jiraachuu hin danda'u.

____49. Rukkinni amala fizikaalaa qaama miiraan beekamuu danda'uudha.

____50. Hanga wanta tokkoo qabee wantichaatiif yoo hirru rukkinna arganna.

Qajeelcha III: Filannoowwan gaaffilee armaan gaditti kennaman keessaa deebii sirrii tae filachuun deebisi.

____51. jijjiramootaa armaan gadii keessaa jijjiirama fizikaalaa kan hin taane isa kamii?

A. Baquu ayiranii B. Waraqaa tarsaasuu

C. Boba'uu cilee D. Ashaboo bulbuluu

____52.. Jijjiiramoota kanatti aananii kennaman keessaa isa kamtu jijjiirama keemikaalaati?

A. Rasaasa Dhukaasuu B. Dandaa'uu sibilaa

C. Adeemsa bullaa'uu D. Hundinuu sirriidha

____53. Kanneen armaan gadii keessaa amala jijjirama fizikaalaa kan ta' e isa kami?

A. Wanti haaraan ni uumama. B. Amaloota keemikaalaa wantichaa ni jijjiira.

C. Jijjiiramni faalkaalee wantootaa mul'achuu ni danda'a. D Hundinuu sirriidha.

____54. Kanneen arman gadii keessaa jijjiirama faalkaaleef sababa ta'uu kan hin dandeenye isa kamii? A. Baqsuu B. Danfisuu C. Hurkisisuu D. Daakuu.

____55. Adeemsi cabbii gara dhangala'ootti jijjiiruu maal jedhamaa?

A. Baqsuu B. Qorrisiisuu C. Hurkisiisuu D. Danfisuu

____56. Keemistirii illalchisee kan dhugaa hin taane kami?

A. Waa'ee amaloota wantootaa qo'ata. B. Waa'ee caasaa wantootaa qo'ata.

C. Waa'ee garaagarummaa lubbu-qabeeyyii fi lubbu- dhabeeyyii qo'ata.

D. Waa'ee jijjirama wantootaa qo'ata.

____ 57. Kanneen armaan gadii keessaa kan bu'aa keemistirii hin taane isa kami?

A. Xaa'oo B. Saamunaa C. Huccuu D. Deebii hin qabu

____ 58. Kanneen armaan gadii keessaa keemistirii waliin kan hariiroo qabu isa kam?

A. Baayooloojii B. Ji'ooloojii C. Füziksii D. Hundii deebii dha

____59. Indurtirii keemikaalaa kan hin taane isa kamii?

A. Warshaa saamunaa B. Warshaa buskutii

C. Warshaa dhagaa baatirii D. Warshaa qalamaa

____60. Kanneen armaan gadii keessaa kan ogummaa kemistrii hin fayyadamne isa kamii?

A. Bishaan dhugaatii qulqulleessuu.

B. Wantoota kanneen akka waraqaa, pilaastikii fi qalamaa oomishuu

C. Fayyaa eeguu fi dhukkuba irraa fayyuu

D. Orgaaniizimoota bakka adda addaatti qooduu

____ 61. Saamuunaan maal irraa hojjetamaa?

A. Kiloorinii B. Soodiyem haayidrooksaayidii

C. Moora D. "B fi C"n deebii dha

____62. Kanneen armaan gadii keessaa ga'ee keemistirii kan hin taane isa kamii?

A. Wantoota haaraa kanneen amaloota haaraa qaban uumuu.

B. Wantoota kanaan dura hojii iraa oolan irra deebi'uun itti fayaadamuu.

C. Karaa sulphaa fi bushaa ta'een meeshaalee oomishuu

D. Laggeen qo'achuun humna elektirikii maddisiisuuf

____63. Faayidaa keemistriin jireenyaa namaa guyyaa guyyaa keessatti qabu kan agarsiisu isa kami?

A. Keemistoonnii mi'a lolaa ciccimoo ni oomishu

B. Keemistoonni dawaa (qoricha) kanserii irraa nama fayyisu qorachaa jiru.

C. Keemistoonni waa'ee wantoota maayikirooskoppaawoo qoratu;

D. Hundii deebii dha

____ 64. Ji'oo keemistiriin wa'ee maalii qorataa?

A. Waa'ee caasaa pirootiinii B. Waa'ee caasaa, qabiyee fi foormulaa albuudotaa

C. Waaee madda annisaa D. Waa'ee qorichaalee adda addaa

____65. Biiraan maal irraa oomishama?

A. Xaafii B. Boqqolloo C. Garbuu D. Qamadii

____66. Wantoota armaan gadii keessaa kan jajjaboo hin taane kami?

A. Oksijiinii B. Cabbii C. Dhagaa D. Warqii

____67. Waa'ee faalkaa dhangala oo ilaalchisee kan dhugaa ta'e kami?

A. Boca mataa isaanii qaba. B. Qabee fi boca murtaawaa hin qabu.

C. Qabee fi boca murtaawaa qaba. D. Bakka murtaawaa ni qabata.

____ 68. Kanneen armaan gadii keessaa sababa wal-qunnamtii wantootaa fi ifa giddutti ta'uun kan uumamu kami?

A. Dhandhama B. Foolii C. Halluu D. rukkinna

____69. Kanneen armaan gadii keessaa amala fiizikaalaa wantoota hamma dhabataa qabu kan hin taane isa kami?

A. Rukkina B. Qabxii dhanfina

C. Qabxii baqina D. Dhandhama

____70. Amala keemikaalaa waantoota kaan ta'e kami?

A. Gubiinsa B. Dandaa'uu

C. Dhandhama D. A fi Bn deebii dha.



191 views0 comments

Commenti


Post: Blog2_Post
Post: Music Player
bottom of page