1. Rog-baay'een maali? Fakkeenya rog-baay'ee kenni.
2. Garaagarummaa rog-baay'ee konveeksii fi konkeevii ibsi. Fkn kenni.
3. Maalummaa rog-baay'ee wal-qixxaa'aa/sirnaawaa ibsi. Fkn kenni.
4. Foormulaa ida'ama kofoota keessaa rog-baay'ee roga n qabuu barreessi.
5. Foormulaa baay'ina sarbii vertesksii tokko irraa kan rog-baay'ee roga n qabuu barreessi.
6. Foormulaa baay'ina rog-sadootaa kan rog-baay'ee roga n qabuu barreessi.
7. Foormulaa baay'ina sarbii rog-baay'ee kan roga n qabuu barreessi.
8. Foormulaa safara tokkoon tokkoo kofoota keessaa rog-baay'ee wal-qixxaa'aa rogoota n qabuu barreessi.
9. Rog-baay'ee konveeksii roga 12 qabuuf foormulaawwan gaaffilee 4 hanga 8tti jirutti gargaaramii furi.
Comentarios