1. Rog-sadeen maali?
2. Rog-sadeen roga irratti hundaa'uun bakka meeqatti qoodama?
Isaanis tarreessi. Akkasumas garaagarummaa isaanii ibsi.
3. Rog-sadeen kofa irratti hundaa'uun bakka meeqatti qoodama?
Isaanis tarreessi. Akkasumas garaagarummaa isaanii ibsi.
4. Ida'amni kofoota keessoo rog-sadee tokkoo meeqa? Foormulaa isaa barreessi.
5. Kofoota rog-sadee keessaa inni tokko 65⁰ yoo ta’e, ida’amni kofoota lamaan hafanii meeqa ta'a?
6. Kofoonni lamaan rog-sadee tokkoo 80⁰ fi 40⁰ yoo ta’an, kofti 3ffaan hafe meeqa ta'a?
7. Yoo safarri kofoota keessoo rog-sadee tokkoo x⁰, 2x⁰ fi 3x⁰ ta’e, safarri tokkoo tokkoon kofoota kanaa digirii meeqa ta’u?
8. Kofootni rog-sadee tokkoo akka reeshoo 4:6:8tti yoo kennaman safara kofoota rog-sadee kanaa barbaadi.
9. Foormulaa naannawa fi bal'ina rog-sadee kofa sirrii fi ayisoosilasii barreessi.
10. Rog-sadee tokko hundeen isaa 8cm fi oleen isaa 10cm yoo ta’e, bal’inni isaa hammami ta’a?
11. Rog-sadeen kofa sirrii tokko rogootni isaa 6cm, 8cm fi 10cm yoo ta’e, bal’ina isaa barbaadi.
12. Kofoota rog-sadee kenname irratti hundaa'uun gatii kofa x barbaadi.
留言